Buufanni Konkolaataa Magaalaa Jimmaa % 98 qaqqabuun ibsame
Finfinnee, Sadaasa 21, 2017 (FBC)- Buufanni Qindaa’aa Konkolaataa Magaalaa Jimmaa % 98 qaqqabuu Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa beeksise.
Buufatichi baasii Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 75 fi kuma 500 oliin ijaaramaa jiraachuu Hogganaan Itti Aanaa Biirichaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misooma Bu’uuraalee Geejjibaa fi Loojistiksii Injiinar Jaagamaa Dagabaasaan FBC’f himaniiru.
Ijaarsi buufatichaa bara 2011 kan eegale waggaa 1 fi baatii ja’a keessatti xumuruuf karoorfamee turuun ni yaadatama.
Rakkoo Kontiraaktaraa lafarra harkifannaa ijaarsa buufatichaa ture furuun saffisaan xumuruuf Biiroo Daandiiwwanii loojistiksii Oromiyaa bara 2014 olaantummaan fudhachuun irra deebiin ijaarsaa isaa itti fufsiisuun ibsameera.
Buufatichi yeroo ammaa %98 irraa qaqqabuu kan himan Injiinar Jaagamaan, yeroo gabaaba keessatti tajaajilaaf kan banamu ta’uu dubbataniiru.
Yeroo ammaa Naannoo Oromiyaa Magaalotaa Walisoo, Bulee Horaa ,Gimbii, Fichee, Asallaa, Naqamtee fi kanneen birootti buufataaleen konkolaataa ijaaramaa jiran baranaa tajaajilaaf akka ga’an xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Injiinar Jaagamaan kaasaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia