Paartichi waadaa ummataaf galee gama hundaan mirkaneessuuf hojjachaa jira-Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Finfinnee, Sadaasa 20, 2017 (FBC)- Paartiiin Badhaadhinaa waadaa ummataaf galee gama hundaan mirkaneessuuf hojjachaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan ibsan.
Obbo Kaffaaloo Tafarraan turtii Faanaa Biroodkastingi Koorporeet waliin taasisaniin, paartichi waggoottan shanan darban tokkummaa sabdaneessummaan biyya badhaatee ijaaruuf bu’aa qabatamaan mul’atu galmeesseera jedhan.
Itiyoophiyaa keessatti rakkoolee bulchiinsa gaarii, samichaa fi sarbamni mirga namoomaa hammaachuunn, fincilaa fi diddaa ummataa uumeen kan dhalate Paartiin Badhaadhinaa waggaa 5ffaa hundeefama isaa milk’aa’inoota galmaa’aniin kabajaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Hoggansa jijjiramaas waggoottan shanan darban gaaffilee uummataa duraa duubaan deebisaa jira jedhaniiru.
Hundeefama Paartii Badhaadhinaan dura sirni federaaliizimiirratti rakkoon mul’ataa tures deebii argachaa dhufuu kaasaniiru.
Paartichi waadaa uummataaf galee gama hundaan mirkaneessuuf hojjachaa jiraachuu kan himan Obbo Kaffaaloon, dirree siyaasaa bal’isuu fi diimookraasii dhugaa hojjirra oolchuuf paartilee shororkessumaan himataman gara biyyaatti akka deebi’an taasiisuun agarsiistuu jijjiramaa hundeeffama paartichaan dhufee keessaa ta’uu eeran.
Ilaalcha siyaasaan lammiileen hidhamaa turan gadi lakkifamanii nagaan akka qabsaa’an, uggura miidiyaalee kaasuu fi gurmaa’insi dhaabbilee diimookiraasii fi riifoormii dhaabbilee cimsuuf hojiileen hojjetamaan fakkeenyaa ta’uu kaasaniiru.
Waggoota shanan darban tarsiimoo fi karoora qopheessuun paartichi miseensaafi deegartootaa hundaa waliin ilaa fi ilaameen rakkoolee bubbulan furuuf hojjatamaa ture jedhan.
Rakkoolee nageenyaa naannichaa keessatti mul’atuu furuufis qaamolee hidhatanii socho’aniif waamicha nageenyaa taasisuu fi dhiifamaan ummatatti akka makaman taasifamaa turuu yaadachiisanii, ammallee rakkoolee nageenyaa mariin furuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Daagimaawwii Deeksisaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia