Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni sadeen garaagarummaa hidha haaroomsaarratti qaban karaa nagaan furuu qabu- DhMG

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) –Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi garaagarummaa hidha haaroomsaarratti qaban karaa nagaan furuu akka qaban Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gaafate.
 
Waa’ee hidha haaroomsaarratti marii taasifamaa ture itti dhiyeenyaan hordofaa turee isaanii Barreesaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez ibsaniiru.
 
Ammas mariin biyyoota sadan gidduutti taasifamu haala walii galtee bara Faranjootaa 2015niin itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
 
Biyyoonni kunneen waliigaltee bara Faranootaa 2015 waliigalame of duuba deebi’anii osoo ilaalanii waliigalteerra ga’uun akka isaan hin rakkisne eeraniiru.
 
Garaagarummaa isaanii haala seera idila addunyaa eegeen furuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ijaarsi Hidhichaa yeroo ammaa  % 73 irra kan ga’e yoo ta’u, Baatii Adooleessa dhufuu eegalee Bishaan Kuusuu kan jalqabu akka ta’e ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.