Paartii Badhaadhinaa injifanoowwan riifoormiin galmaa’an gara guddina caaluutti jijjiiruuf qophaa’aa jira – Obbo Adam Faaraahii
Finfinnee, Sadaasa 20, 2017 (FBC) – Paartii Badhaadhinaa injifanoowwan riifoormiin galmaa’an gara guddina caaluutti jijjiiruuf qophaa’aa jiraachuu Pireezidaantii Itti Aanaan paartichaa Obbo Adam Faaraahiin ibsan.
Paartiin Badhaadhinaa Paartii Sadasaa 21, 2012 qabsoo jijjiiramaa keessatti dhalate, mul’ata haaraa qabatee boqonnaa haaraa banee guddataa jiruudha jedhan.
Waggoottaan shanan darban keessatti paartii dameewwan Siyaasaa, Diinagdee, Hawaasummaa fi Dippiloomaasiin badhaadhina hundagaleessa galmeessaa jiru ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Demokiraasii Obbo Adam Faaraahiin ibsaniiru.
Har’as injifannoo caalmaa galmeessuuf ga’umsaan hojjetaa jiraachuu kaasaniiru.
Hoggantoota jijjiirama fedhii ummataa fi yaadama tarkaanfataa qabaniin deeggaramuun imalli jijjiiramaa eegalame Paartii Badhaadhinaa dhalchuun yeroo gabaabaa keessatti Itiyoophiyaan dachee dinqii addunyaa akka taatu bu’uura kaa’uu ibsaniiru.
Bu’aan imala abjuu keenyaa keessatti arganne hojii manaa boruu keenyaaf humna ta’uun har’a geenyerra jedhan.
Qabeenya kuufamaa hin mul’anne soqnee baasuun, iddoolee dhukkeen uwwifaman miidhaginaan uwwisnee, rakkoo sodaachisoo waan hin danda’amne fakkaataaniin morma wal qabnee, biyya diigamuurraa baraaruun Itiyoophiyaa cimtuu sabdaneettii ijaaruuf halkanii fi guyyaa ifaajjineerra jechuun ibsaniiru.
Gufuulee fi rakkoolee kanneen hunda injifachuun bu’aalee ajaa’ibsaa galmeessaa guyyaa hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa kabajuurra geenyarra jedhan.
Mata duree ‘Olaantummaa Yaadaa, Badhaadhina hunda galeessaaf’ jedhuun kabajamaa kan ture Guyyaan hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaan boru sadarkaa biyyaalessaatti sagantaalee garaagaraan cufuuf qophiin taasifamuu himaniiru.
Guyyaan kun guyyaa injifannoo dabalataa itti galmeessinu, olaantummaa yaadaa fi badhaadhina hunda galeessa biyyattii itti mirkaneessuu akka ta’u hawwii kooti jedhan.
#Oromia #Ethiopia