Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Alaa Faransaayii fi Awurooppaa waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 20, 2017 (FBC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa Faransaayii fi Awurooppaa Jiyaan Noo’eel Baaroot waliin mari’ataniiru.
Marii gaggeeffame ilaalchisee Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon ibsa kennaniiru.
Dameewwan Itiyoophiyaa fi Faransaay hariiroo waloo caalmaatti cimsuu qabanirratti mari’atamuu himaniiru.
Hojiilee misooma Invastimantii, Aadaa, Tuurizimii, nageenya, Anniisaa fi misooma biroorratti tumsa qaban caalmaatti cimsuuf mari’achuu dubbataniiru.
Waggoottan darban keessa hariiroon biyyoota lamaanii cimaa dhufuu eeraniiraniiru.
Alemsagad Asaayyeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia