Fana: At a Speed of Life!

Mandarri Qulqullinaa dorgomtummaa Itiyoophiyaa guddisuuf qooda olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2017 (FBC) – Mandarri Qulqullinaa dorgomtummaa Itiyoophiyaa guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu kutaaleen hawaasaa mandaricha daawwatan ibsan.

Guyyaan Hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaan mata duree ‘Olaantummaa Yaadaa Badhaadhina Hunda Galeessaaf’ jedhuun sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Kana sababeeffachuun kutaaleen hawaasaa biyyattii hojiilee misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiru daawwataniiru

Daawwannaa kanaanis dhiyeenya kana kan eebbiffame Mandarri Qulqullinaa Itiyoophiyaa ilaallameera.

Mandarichi oomishaalee biyya keessaa gara alaatti ergaman dorgomaa taasisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.

Qulqullinni dhimma kamiifuu murteessaa ta’uu isaan hojiin hundi qulqullina giddugaleeffachuu akka qabu ibsuu Ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.