Somaaliyaatti bobba’uun Humna Nagaa Kabajachiisaa nageenya naannawaa haala mirkaneessuun ta’uu qaba-Hayyoota
Finfinnee, Sadaasa 18, 2017 (FBC)- Fuulduratti Somaaliyaatti bobbaafamuun Ergama Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa nageenya naannawaa haala mirkaneessuun ta’uu akka qabu hayyoonni hubachiisan.
Humni bobbaafamu eeggannoon yoo hinhogganamne sodaa nageenyaa Ganfaa Afrikaa hordofsiisuu akka danda’u akeekaniiru.
Hayyoonni kunneen bara Faranjootaa 2025’tti bobbiin humnaa gaggeeffamuuf jiru hojiirra ooluun dura haalli yeroo naannawichaa hubannoo keessa galfamuun caaseffamuu qaba jedhu.
Yuunivarsiitii Diillaatti Qorataa, Barsiisaa Seenaa fi Dhimmoota Idil Addunyaa Dooktar Abduu Mahaammad Aliin, caasaa humna waraanaa biyyaalessaa Somaaliyaa irratti gaaffiin bulchiinsaa kan ka’uu fi sirnaan kan hincaaseffamne ta’uu ibsan.
Dabalataan gareen shororkeessaa Alshabaab biyyattii fi naannawichaatti jeequmsa akka hinuumne humni Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa hojii ittisaa ga’umsaan bahachaa turuu yaadachiisaniiru.
Humnichi bara 2025’ttii ergama isaa xumuree oggaa ba’u fuulduratti haala nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa mirkaneessuu danda’uun bobbiin gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Ta’us, Mootummaan Federaalaa Somaaliyaa bobbii Humna Nagaa Kabachiisa Gamtaa Afrikaa booda ejjenoon qabate naannawichatti tasgabbii ture gara jeequmsa hammaatti geessuu akka danda’u himanii, Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhiibbaa uumuu qabu jedhan.
Gaaffiin mootummaa Somaaliyaa, wareegama loltoonni Itiyoophiyaa kaffalan kan hinkabajne ta’u kan himan Dooktar Abduu Mahaammad, gumaacha Itiyoophiyaa gatii dhabsiisuun dogoggora ta’uu dubbatan.
Giddugala Qorannoo fi Qo’annoo Yuunivarsiitii Finfinneetti Barsiisa fi Qorataa kan ta’an Dooktar Dachaasaa Abbabaan gama isaaniin, Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itiyoophiyaa caalaa shororkeesummaa Somaaliyaa keessaa ittisuuf humni wareegama kaffalee hinjiru jedhu.
Haa ta’u malee, Mootummaan Somaaliyaa kana gatii dhabsiisuun humnoota nageenya naannawichaa hinbarbaanne waliin hojjechaa jiraachuu ibsan.
Hojiin humna bobbaasuu eggannoon yoo hingaggeeffamne gareewwan shororkeessitootaa akka Alshabaabii fi Alqaa’edaan naannawichatti akka fedhan socho’uuf carraa kan uumuudha jedhaniiru.
Bara haara Faranjootaattis hojiin bobbii humna Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa nageenyaa naannawaa Gaanfa Afrikaa haala mirkaneesuun gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Mootummaan Itiyoophiyaas bobbiin haaraan humna Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa haala naannawichatti muddamsuu hinuumneen ta’uu akka qabu akeekee turuu ibsan.
Hojiin bobbii Humna Nagaa Kabaachiisaa muddama haaraa uumuun nageenyaa fi tasgabbii balaarra akka hinbuusnetti eeggannoon caaseffamuu akka qabu Itiyoophiyaan ejjennoo ishee ibsuun ni yaadatama.
Miikiyaas Ayyaaleetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia