Waggaa 89ffaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa kabajamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 18, 2017 (FBC)- Waggaa 89ffaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira.
Haaluma kanaan fooramiin Humna Qilleensaa Afrikaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.
Fooramicharratti qondaaltonni Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa, Ataasheewwan biyyoota garaagaraa hirmaachaa jiraachuun ibsameera.
Waltajjichi rakkoolee waloof furmaata waloo kennuuf walta’iinsa uumuuf kan kaayyeeffate ta’uun eerameera.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Afrikaarraa humna cimaa ta’uu fi teeknooloojiiwwan ammayyaa’oo kan hidhate ta’uun eerameera.
Kanas daran cimsuuf bara 2022/23’tti Afrikaarraa Aviyeeshinii filatamaa ta’uuf hojjetamaa jiraachuun himameera.
Fooramichi Itiyoophiyaan damee Aviyeeshiniin muuxannoo waggoota dheeraa qabdu biyyoota Afrikaa biroof qooduu fi ce’umsa beekumsaa fi teeknooloojii taasisuuf kan tumsu ta’uun ibsameera.
Waggaa 89ffaan hundeeffamaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa sagantaalee garaagaraan kabajamaa kan jiru yoo ta’u, Jimaata dhufu sagantaan xumuraa kan gaggeeffmu ta’uu sagantaan ba’e ni mul’isa.
Taarikuu Laggasaatu gabaase.