Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa laga Naayilii fi hidhi haaromsaa fayyadamummaa tarsiimoo Ityoophiyaaf qaban beekkamtii akka kennu ibse

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa laga Naayilii fi hidhi haaromsaa fayyadamummaa tarsiimoo Ityoophiyaaf qaban beekkamtii akka kennu ibse.

 

Preezdaantonni Kaawunsilii Awurooppaa fi Komishinii Awurooppaa waliin xalaayaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif barreessaaniin Hidha Haaromsa Guddichaa ilaalchisuun waliigaltee sadeeni ta’aa ture gamtichi hordofaa turuu fi biyyoota waliinis hariiroon akka ture ibseera.

 

Wayita ammaa dhimmoonni hiika hin argannee jiraachuu eeruun waqtii weerara vaayrasii koroona kana lammiin hundi dhimmicha ilaalchiin wantoota hin barbaachifne dhiisee, waliigaltee lammii fayyadu argachuuf akka mari’atan Gamtaan Awurooppaa akka jajjabeessu beeksiseera.

 

Gamtaan Awurooppaa laga Naayilii fi hidhi haaromsaa fayyadamummaa tarsiimoo Ityoophiyaaf qaban guutummatti beekkamtii akka kennu mirkaneessera.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.