Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfamni maallaqa baankotarraa baasuu daangessu guyyaa har’aa irraa eegalee hojiirraa akka oolu Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksise

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) – Qajeelfamni maallaqa baankotarraa baasuu daangessu guyyaa har’aa irraa eegalee hojiirraa akka oolu Baankiin Biyyaalessa Ityoophiyaa beeksise.

 

Abbaan Taayitaa Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa  Dooktar Yinaagar Dasee ibsa guyyaa har’aa laataniin qajeelfamichi jijjiirra maallaqaa gara sirnaatti galchuun yakkaa fi miliqqii gibiraa ittisuuf ni gargaara jedhaniiru.

 

Qajeelfamni haaraan har’a hojiirra oolu namni takka guyyaan Birrii kuma 200 fi baatiin ammoo hanga miiliyoona 1maallaqa baasuu kan eenyamu si’a ta’u, dhaabbileen ammoo guyyaan hanga Birrii kuma 300 fi baatiin ammoo hanga Birrii miiliyoona 2.5 baasuu ni danda’a jedhameera.

 

Bittaafis ta’ee sababa biroof maallaqaa daanga’ee olitti namoota barbaachisuu ta’ee dhaabbileen akkaawuntiidhaa gara akkaawuntiitti yookiin ammoo cheekiidhaan yookiin ammoo kaffaltii CPO raawwachuu ni danda’u jedhameera.

 

Baankiin qajeelfamicha darbee argame kaffaltii raawwataniirra %25 adabbiin akka irratti raawwatus himameera.

 

Qajeelfamichi baankoota hundaa fi dhaabbileewwan faayinaansii xixxiqaarratti akka hojjetu beekkameera.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.