Fana: At a Speed of Life!

Obbo Tamasgeen Xurunaan agarsiisa albuuda fi teeknooloojii daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 16, 2017 (FBC)- Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Galma Barkumeetti gaggeeffamaa kan jiru agarsiisa albuudaa fi teeknooloojii daawwataniiru.

Bu’aalee hojii dhaabbilee fi namoota dhuunfaa damicharratti bobba’anii daawwatanii, akka biyyaatti qabeenya jiru gara diinagdeetti jijjiiruuf hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufan dubbataniiru.

Agarsiisichi oomishtoota albuudaa, ergitoota, biiroolee albuudaa naannolee fi waldaaleen oomishaa fi tajaajiloota isaanii beekisaa jiru jedhameera.

Dabalataan, qaamolee damicharratti hojjetan gidduutti walitti hidhamiinsa kan uumu ta’uun ibsameera.

Firehiiwot Saffiiwutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.