Fana: At a Speed of Life!

Namoonni 3 warqee giraama 800 otuu hiratanii to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) – Namoonni 3 warqee giraama 800 otuu hiratanii to’ataman.

 

Namoonni 3 warqee giraama 800 konkolaata keessa taa’anii madaalanii otuu hiratanii to’ataman qorannoon irratti eegaluu poolisiin beeksise.

 

Namoonni kunneen kanaan dura mana gurgurtaa warqee takkatti yakka hannaa raawwachuu isaanii raga argachuu Buuffanni Poolisii Naannoo Saaris ibseera.

 

Kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo Aanaa 10 naannoo hoteelaa Daamaa jedhamee waamamutti kan argamu qubeelaa qubaa tilmaaman Birrii kuma 60 kan baasu bittuu fakkachuun hatuun isaanii ibsameera.

 

Caamsa 6, 2012 Kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftoo Aanaa 9 naannoo Tootal jedhame yaamautti namoonni sadeen konkolaata keessa taa’uun abba kaaraati 14, 18, fi 21 waliigalaan warqee giraama 886madaalanii otuu hiratanii miseensoota poolisiin to’atamaniiru.

 

Namoota kana keessa tokkorratti Birriin kuma 80 akka argame Itti Aaanaan Inispeekteraa Abaraan hubachiisaniiru.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.