Fana: At a Speed of Life!

Weerara COVID-19 too’achuuf qindoominnnii fi tumsi idil addunyaa barbaachisaadha – Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) – Weerara COVID-19 too’achuuf qindoominnnii fi tumsi idil addunyaa barbaachisaadha – Dooktar Liyaa Taaddasaa

 

Yaa’iin waggaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa viidiyoo konfiraasiin bakka buutoota biyyoota 194 kan hirmaachise kaleessaa eegalee guyyaa lamafi.

 

Yaa’ichi waamicha biyyoonni miseensaa dhiyeessaniin walqabatee sadarkaa idil addunyaatti lubbuu namoota kuma dhibba 3 fi kuma 10 kan galaafate vaayrasii koroonarratti kan xiyyeeffatedha.

 

Yaa’icharratti hoggantoonni biyyoota hedduu, gaggeessitoonni mootummaa, ogeeyyii fi ministeroonni fayyaa hirmaachaa jiru.

 

Ministirri Ministira Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaa yaa’icharratti haasaa taasisaniin tarkaanfii Ityoophiyaan weeraricha too’achuuf taasisaa jirtuu fi ga’een Afrikaa keessatti qabdu kaasaniiru.

 

Akkasumaas Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weeraricha ittisuuf carraaqqiin taasisu kan galateeffatamu ta’uu ibsaniiru.

 

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.