Finfinneetti Koonfiraansiin Nageenyaa Sadarkaa Ardii gaggeeffamuufi
Finfinnee, Sadaasa 13, 2017 (FBC)- Koonfiraansiin Nageenyaa Sadarkaa Ardii Magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffamu ibsame.
Ministir Deetaan Ministeeraa Nageenyaa Dooktar Kaayiraddiin Tazarraa koonfiraansicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, saganticharratti bakka bu’oonni biyyoota Afrikaa garaagaraa ni argamu jedhan.
Waltajjichi dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii Ardittii irratti akka mari’atamu eeruun, biyyoonni damichaan muuxannoo qaban waljijjiiruun eegama jedhan.
Itiyoophiyaanis Afrikaaf akkasumas nageenya addunyaaf gumaacha ishee waltajjicharratti akka dhiyeessitu eeruu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
Koonfiraansichi Itiyoophiyaan ofii isheerraa darbuun, nageenya Afriikaa fi Addunyaaf gumaacha taasisaa jiraachuu beeksisuuf kan tumsu ta’uu kaasaniiru.
#Oromia #Ethiopia