Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Reek Maachaar dabalatee aanga’ooni Suudaan Kibbaa hedduun COVID-19n qabaman

Finfinnee, Caamsaa 11, 2012 (FBC) – Itti Aanaa Preezdaantii Sudaan Kibbaa Dooktar Reek Maachaarii fi haadha warraa isaanii Angeliinaa Teenii dabalatee aanga’oonni mootummaa olaanoon biyyattii COVID-19n qabaman.

Dooktar Reek Maachaar haasaa Biroodkaastiingii Korporashinii biyyattii irratti taasisaniin, ”Ana dabalatee miseensoonni taaski foorsii ittisa vaayrasii koronaa ol-aanoo biroo hedduun vaayrasichaan qabamaniiru,” jedhan.

Aanga’oonni kunneen akka qorataman kan taasifamees, miseensi taask forsichaa tokko vaayrasichaan qabamunsaawaan mirkanaa’eef jedhan Dooktar Reek Machaar.

Miseensota taaksi foorsii vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e biroo ammaaf maqaa isaanii eeruun hin barbaachisu jedhan.

Ministira ittisa biyyaa kan taate haadha warraa isaanii, Angeliinaa Teenii dabalatee hojjetoonni waajira itti aanaa preezdaantii hedduus vaayrasichaan qabamuu isaanii ibsaniiru.

Bu’aan qorannoo miseensoota hafanii gutummaatti boruutti kan baramu ta’uu himuun, Ministirri Fayyaa garuu vaayrasichaarraa bilisa ta’ushee dubbataniiru.

Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu fayyaan isaanii haala gaariirra jira kan jedhan Dooktar Reek Maachaar, hanga hakiimiin hordoffii taasisuun akka bahuu dandeenyu mirkanneessuutti mana keessatti adda of baasuun kan turru ta’a jedhan.

Kana malees, eegdoonnii fi hojjattoonni waajjira isaanii hedduunis vaayrasichaan qabamuunsaan waan mirkannaa’eef akka of eegannoon taaasisuun tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuu keessatti gaheesaanii bahaniif itti himama jedhaniiru.

Haaluma kanaanis manni jireenyaa isaanii gutummaatti adda baafamuun akka turuu himaniiru.

Walumaagalatti Sudaan Kibbaa keessatti lakkoofsi namoota vaayrasii koronaan irrratti argamuun mirkanaa’e 347 yoo ta’u, kanneen dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe ammoo shan.

BBCtu Gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.