Awustiraaliyaatti guddattoonni umrii 16 gadi miidiyaa hawaasummaa akka hinfayydamne dhorkame
Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC)- Paarlamaan Awustiraaliyaa guddattoonni umrii 16 gadii miidiyaa hawaasummaa akka hinfayyadamne seera dhorku raggaasise.
Seerichis guddattoonni umrii waggaa 16 gadii akkaawuntii miidiyaalee hawaasummaa kanneen akka ‘tiiktookii’, ‘Isnap Chaat’, ‘Feesbuukii’, ‘Reediit’, Tiwiitaraa (X) fi Instaagiraamii banachuu akka hindandeenye kan tumuudha.
Fuula miidiyaalee hawaasummaa kanneen banachuu kan danda’an kan eeyyaman yoo ta’e, Doolaara Awustiraaliyaa miiliyoona 50 akka adabaman mootummaan akeekkachiiseera.
Ministirri kominikeeshinii Awustiraaliyaa Miisheel Rowulaandi akka jedhanitti, murteen deeggarsa siyaasaa fi hawaasumma hedduu argate kun nageenya guddattootaa eeguuf kan kaayyeeffatedha.
Awustiraaliyaatti guddattoonni umriin isaanii waggaa 14-17 gidduu dhimmoota qabiyyeen isaanii miidhaa geessisan gama miidiyaalee hawaasummaan daawwachaa akka turan yaadachiisun, dhorkiin kunis dhiibbaa miidiyaalee kanneeniin guddattootarra ga’u kan hir’isu ta’uu Aljaziiraan gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia