Manni Maree Ministirootaa dhimmoota garaagarratti mari’achuun murtoo dabarse
Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC)- Mannii Maree Miistirootaa walga’ii idilee 40ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Haaluma kanaan manni marchaa hammattoo diinagdee Gooroo fi fiiskaalaa bara giddugaleessaa (2017-2021) irratti mari’ateera.
Hammattoon kunis hojiirra oolmaa riifoormii dinagdee gooroo fi riifoormii imaammata maallaqaa mootummaa fi fiiskaalaa hojiirra oolchuuf, baajata dabalataa fi baasii mootummaa federaalaa bara 2017 sirreessuuf ka’umsa ta’uun kan tajaajilu yoo ta’u , fooyyessiiwwan diinagdee gooroo xiinxalamuun fooyya’ee akka dhiyaate eerameera.
Manni marichaa marii bal’aa booda hammatoon kun hojiirra akka ooluuf sagalee guutuun murteesseera.
2. Manni marichaa Labsii sirreeffama uwwisa baajataa fi baasii mootummaa federaalaa dhiyaaterratti mari’ateera.
Labsichi hammattoo diinagdee gooroo fi fiiskaalaa bara giddugaleessaa raawwachiisuu haala dandeessisuun dandeettii faayinaansii fi galiiwwan eeggachiisaa giddugaleeffachuun baajataa dabalaataa haalota murteesuun danda’amuu tilmaama keessa galchuun kan qophaa’e ta’uun ibsameera.
Haaluma kanaan baasii idilee fi uwwisa baasii sirreessuuf kan oolu baajanni dabalataa Birri biiliyoona 500 fi biiliyoona 80 fi miiliyoona 900 fi miiliyoona 82 fi kuma 300 ol Mana marichaaf dhiyaateera.
Manni marichaas baajata dabalataa bara 2017 dhiyeetee fi labsii sirreeffamaa baajataa fi baasii irratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka qajeelu sagalee guutuun murteesseera.
3. Manni marichaa Wixinee labsii hundeeffama Inistiitiyuutii Ogeeyyii Herregaa Itiyoophiyaa Ga’umsi Isaanii Mirkanaaeerratti mari’ateera.
Inistiitiyuutichi ogeeyyii ga’umsa qaban baay’inaan horachuuf hojmaataa qophii gabaasaa faayinaansii dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa keessatti diriirsuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera.
Manni marichaas wixinee labsichaarratti erga mari’ateen booda mana Maree Bakkaa Biuootaa Ummataaf akka qajeelu murteessera.
4. Manni marichaa wixinee labsii qabiinsaa fi dhabamsiisa balfa gogaa dhiyaaterratti mari’ateera. Labsicharratti bali’inaan erga mari’atee booda sagalee guutuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataaf qajeelcheera.
5. Akkasumas dambii Hundeeffama Komishinii Haaromsa Biyyaaleessaa fooyyessuuf bahe irrattis mari’ateera.
Dhaabbatichi hojmaata seeraan kennameef itti gaafatamummaan akka raawwatu dambichi fooyya’ee dhiyaachuun barbaachisaa ta’uu isaa hordofee dambiin fooyya’e kun mana marichaaf dhiyaateera.
Manni marichaas marii bal’aa erga taasisee booda dambichi guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
6. Wixinee Labsii daangessa naannawaa qaama Bishaanii, misooma, Kunuunsaa fi itti fayyadama isaa ilaalchisee dhiyaaterratti manni marichaa marii taasiiseera.
Wixinee dhiyaaterratti bali’inaan erga mari’atee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummaataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
7. Dhumarratti Wixinee labsii Hundeeffama Mana Maree Olaanaa Raawwachiisa bulchiinsa qabeenya bishaanii dhiyaaterratti mari’ateera.
Wixineen dhiyaate galteewwan barbaachisan dabalamuun Mana Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
#Oromia #Ethiopia