Yukireen misaa’ela Raashiyaatti dhukaaste
Finfinnee, Sadaasa 10, 2017 (FBC)- Yuukireen misaa’ela fageenya dheeraa furguggifamu gara Raashiyaatti dhukaasuun gabaafame.
Guyyaa har’aa yeroo jalqabaaf Yukireen misaa’ela fayyadamuun Raashiyaa naannawa Biriyaanisku rukutuu Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibsa baaseen beeksiseera.
Ibsi ministireetichi baase akka mul’isutti misaa’elonni dhukaafaman keessaa shan rukutamanii fashaleeffamuu fi tokkommoo erga rukutamee booda caccabaan isaa wiirtuu waraanaa naannawichatti argamuutti ibidda qabsiisuuBBC’n gabaaseera.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, Yukireen misaa’ela fageenya dheeraa Ameerikaarra kennameef Raashiyaa haleeluuf akka fayyadamtu eeyyamuun ni yaadatama.
Kana hordofees Yuukireen misaa’eloota kanneen kan fayyadamtu taanaan tarkaanfii hammaataa akka irratti fudhatu akeekkachiisuun eerameera.
#Oromia #Ethiopia