Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti dhibee busaa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 10, 2017 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti tattamsa’ina dhibee busaa ittisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.
Busaan Oromiyaa Godinaalee 16 fi magaaloota 12 keessatti bifa weeraraan mudachuu Biirichatti Daayrektarri Ittisa Dhukkuboota Obbo Darajjee Addunyaan Faanaa Biroodkastingi Koorporeetiif ibsaniiru.
Hojii ittisaa fi to’annoo dhibichaaf koreen hanga dakaatti hundaa’uun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Naannawaa dhibeen busaa bal’inaan itti mudateetti Agoobarrii miiliyoona 1fi kumni 81 ol raabsamuu eeraniiru.
Dhibeen busaa godinaalee Wallagaa keessa bal’inaan tatamsa’uu kaasanii kunis naannawaalee rakkoon nageenyaa mul’atutti ta’u kaasaniiru.
Yeroo ammaas Godina Wallagaa Lixaa aanaalee 4 fi Qellam Wallagaa aanaalee 2 keessatti agoobarri raabsamaa jiraachuu himaniiru.
Hanqinni agoobaraa jiraachuu kan ibsan Obbo Darajjeen, ittisa dhibichaaf Agoobarri miiliyoonni 8 ol kan barbaachisuu ta’uu dubbataniiru.
Dhiyeessiin qorichaa fi biiffaan keemikaalaa gaggeeffamaa jiraachuus himaniiru.
Hojiin hubannoo hawaasaa cimsuu gaggeeffamaa akka jirus eeranii, hundaa ol hawaasni wayita mallattoolee dhibichaa akka gubaa qaamaa, hollachiisuu, bowwoo mataa cimaa, dafqisiisuu, qaamaa caccabsuu fi nyaata jiibbisiisuu ofirratti argu, hatattamaan gara buufata fayyaa deemuun qorannoo akka taasisaan waaamicha dhiyeessaniiru.
Naannawaa qulqulleessuu, bishaan ciise yaasuun dhibicha akka ofirraa ittisaan akeekaniiru.
Kurmaana jalqabaattis namoota miiliyoona 5 oliif qorannoon taasifamuu ibsuun, namoonni miiliyoona 2.2 ol dhibichaan qabamuun wal’aansi taasifamuu yaadachiisaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.