Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggar, Godina Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaatti mariin nageegyaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 8, 2017 (FBC) – Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Mana Abbichuu, Godina Shawaa Lixaafi Shawaa Kibba Lixaatti mariin nageegyaa gaggeeffameera.

Qe’ee Oromootti nageenyi ititee misoomni akka finiinu taasisuun dirqama qaama hundaa ta’uu ibsameera.

Nageenya bu’uura jiruuf jireenya dhala namaa waan ta’eef waaressuun barbaachisaa ta’uu hubatamuun qaamni hundu qooda isarraa eegamu ba’achuu qaba jedhame.

Maricharratti kan argaman Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii qindoominni Godinaaleefi Magaalota ollaa nageenyaa lammilee mirkaneessuun walitti hidhamiinsa bu’uraalee misoomaa si’eessuu keessatti qooda olaanaa qabaachuuu himniiru.

Diinota nageenya uummata booressan saaxiluun nageenya mirkaneessuun misooma saffisiisuun dhimma ijoo tahuu kaasuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.