Fana: At a Speed of Life!

Warshaa Huccuu Dirree Dhawaa humna guutuun akka oomishuuf hojjatamaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2017 (FBC)- Warshaa Huccuu Dirree Dhawaa humna guutuun akka hojitti galuuf hojjatamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allabal.

Obbo Malaakuu Allebal fi qondaltoonni biroon Warshaa Huccuu Dirree Dhawaa daawwataniiru.

Warshichi ammas sababoota adda addaan humna guutuun kan hojitti hingalle ta’uu kaasuun, hanqina humna elektirikii, galteewwan oomishaaf oolan gahaan dhabamuun sababoota ijoo ta’uu dubbataniiru.

Akka biyyaatti warshaalee jiran humna guutuun hojitti galchuun oomishtummaa biyya keessaa dabaluuf hojjatamaa jirachuu ibsaniiru.

Kanaan dura warshichi guyyatti huccuu toonii 50 oomishaa turuun kan eerame yeroo ammaa toonii 20 qofa oomishaa jira jedhameera.

Warshichi humna guutuun hojitti akka galuufis deeggarsi barbaachisan akka taasifamu Obbo Malaakuun himaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.