Dhugumaan Oromiyaatti ukkaamsaan jumlaa raawwataamaa jira?
Finfinnee, Sadaasa 6, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaa naannawaa tokko tokkotti tibbana gochaan ukkaamsaa jumlaa raawwatamaa jira odeeffannoon jedhu gama miidiyaalee hawaasummaan odeeffamaa jira.
Ukkaamsaan jumlaa kunis addatti dargaggootaa fi lammiilee hojii humnaa irratti boba’aanirratti kan xiyyeeffate ta’uun, boodarras erga ukkaamfamanii manneen barnootaa fi bakkoota biroo akka tursiifaman eerama.
Lammiilee ukkaamfamanis hiiksisuuf milishoonni naannawichatti argaman maallaqa akka gaafatan himama.
Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet dhimma kana ilaalchisuun Naannoo Oromiyaatti qaama dhimmichi ilaallaturraa deebii gaafateera.
Odeeffannoon ukkaamsaa jumlaa jira jedhamuu dhugaa fi dhara ta’uu isaa akkasumas dhimmoota nageenya naannichaa ilaalchisee deebii arganne qabannee dhiyaannaa.
Malaakuu Gaddifiin
#Oromia #Ethiopia