Aadde Adaanech Naannawaa Kaasaanchiis deebisanii misoomsuuf abbootiii qabeenyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 6, 2017 (FBC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen naannawaa Kaasaanchiis walta’iinsaan deebisanii misoomsuun haala danda’amurratti abbootii qabeenyaa waliin mari’ataniiru.
Aadde Adaanech maricharratti, Magaalaa Finfinnee naannawaa jireenyaaf mijattuu taasisuuf misooma kooriidarii eegalameen, akkuma marsaa jalqabaa marsaa 2ffaas hawaasaa fi abbootii qabeenyaa hirmaachisuun qulqullinaa fi saffisaan xumuruuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.
Abbootiin qabeenyaa naannawaa Kaasaanchiis gama isaaniin, misoomni koridarii fi hojii deebisanii misoomsuutti hedduu kan gammadan ta’uu ibsaniiru.
Qulqullinnii fi miidhaginni magaalattii sochii diinagdeef gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbatanii, waan danda’an maraan bulchiinsa magaalattii cinaa dhabbachuun naannawicha akka misoomsan waadaa galuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia