Fana: At a Speed of Life!

Alergitoonni sharafa alaa argatan keessaa %50 gurguruun kan hafe yeroo hin murtoofneef tursisuu danda’u jedhame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2017 (FBC)- Alergitoonni boruu eegalee sharafa alaa argatan keessaa %50 gurguruu fi %50 immoo yeroo hin murtoofneef lakkoofsa herregaa isaanii Itiyoophiyaa qaban keessa kaa’achuu kan danda’an ta’uu Baankii Biyyaalessaa beeksise.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihraatuun akka ibsanitti, alergitoonni sharafa alaa argatanirraa %50 battalumatti gurguruun kan hafe immoo baatii tokko keessatti akka gurguran dirqamsifamaa turuu kaasaniiru.
Boru irra eegalee Alergitoonni sharafa alaa argatan keessaa %50 gurguruu fi %50 immoo yeroo hin murtoofneef lakkoofsa herregaa isaanii biyya keessaa qaban keessa olkaa’uu kan danda’an ta’uu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
Akka kana duraa sharafa alaa argatan baati tokko keessatti gurguruuf kan hin dirqamne ta’uu eeraniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.