Sirna cimaa ijaaruuf barnootaa fi teeknooloojii cimsuun murteessaadha- Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Sadaasa 3, 2017 (FBC) – Sirna cimaa ijaaruuf barnootaa fi teeknooloojii guddisuun murteessaa ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsan.
Gumiin Ce’umsa Misooma Barnootaa Marsaa 2ffaa mata duree “biyya cimtuu fi badhaate ijaaruu keessatti gaheen barnootaa olaanaadha’’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Saganticharratti Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi qondaaltoonni olaanoo naannichaa biroon argamaniiru.
Obbo Awwaluun haasawa taasisaniin, sirna cimaa ijaaruuf barnootaa fi teeknooloojii guddisuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hundi gahee isaa akka bahatu gaafachuu OBN gabaaseera.