Guyyoottan kurnan Itti Aanaan kutaaleen biyyattii harki caalu haala qilleensaa qabbanaa’aa fi Aduu ta’e qabaatu jedhame
Finfinnee, Sadaasa 3, 2017 (FBC) – Guyyoottan kurnan Itti Aanaan keessa kutaaleen biyyattii harki caalu haala qilleensaa Gogaa, Qabbanaa’aa fi Aduu ta’e kan qabaatan ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksise.
Haaluma kanaan kutaaleen Kaabaa, Bahaa, Kaaba Bahaa, Giddugaleessii fi naannawwaan Kibbaa halkanii fi Ganama haala qilleensaa qorraa ta’e itti fufiinsaan qabaachuu danda’u jedheera.
Kutaaleen Rooba Waqtii Bonaa 2ffaa argatan Godinaaleen Boolee, Gujii, Booranaa dabalatee Rooba salphaa hanga giddugaleessaa kan argatan ta’uu himaniiru.
Akkasumas kutaaleen Waqtii Gannaa eegalee Rooba argachaa jiran Godinaalee Wallaggaa arfan, Baalee lamaan, Harargee lamaan dabalatee Rooba salphaa hanga giddu galeessaa argachuu kan itti fufan ta’uu eereera.
Gama biroon Godinaaleen Shawaa Arfan, Finfinnee fi Godinaaleen Giddugaleessa Itiyoophiyaa muraasni Rooba waqtii isaa hin eegne argachuu malu jedheera.
Kanaaf oomisha gahe walitti qabuurratti xiyyeeffannoon akka hojjetamu Inistiityuutichi yaadachiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.