Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Waliigalaa fi Koolleejjiin Meedikaalaa Nageellee Arsii barattoota barsiisaa ture 317 eebbisiise

Finfinnee, Sadaasa 1, 2017 (FBC)- Hospitaalli Waliigalaa fi Koolleejjiin Meedikaalaa Nageellee Arsii barattoota Ogummaa Fayyaan digirii 3ffaa, digiirii 2ffaa fi digirii jalqabaan barsiisaa ture 317 eebbisiiseera.

Sirna eebbicharratti Hoggantoonni olaanoo mootummaa fi Keessummoonni biyyaa alaa, hawaasni naannawichaa, maatiin barattootaa argamaniiru.

Sirna Eebbaa kanarratti Hoggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaan ergaa dabarsaniin, eebbifamtoonni bakka dhaqan hundatti ogummaa isaaniin hawaasa fayya qabeessa uumuuf amanamummaan akka tajaajilan imaanaa jedhaniiru.

Abbaan Qabeenyaa fi Pireezidaantiin Hospitaalaa fi Koolleejjichaa Doktar Guddataa Hinnikkaa gama isaaniin hospitaallichi ogeeyyii barsiisuutti dabalataan tajaajila wal’aansa fayyaa bilisaa ogeeyyii biyya alaarraa dhufaniin kennuu cimsee akka itti fufu eeraniiru.

Hospitaallichi sirnaa ebbichaan mddiitti kutaa wal’aansa dhiquu kalee fi wal’aansa ijaa ebbisisuun tajaajilaaf baneera.

Lammaa Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.