Fana: At a Speed of Life!

‘Mandarri Beenuunaa’ haala rakkisaa dandamachuun tattaaffii biyya jijjiiruuf taasifamuuf muuxannoo irraa baratamuudha-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 1, 2017 (FBC)- ‘Mandarri Beenuunaa’ haala rakkisaa dandamachuun tattaaffii biyya jijjiiruuf taasifamuuf muuxannoo irraa baratamuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad ‘Mandara Beenuunaa’ eebbisiisaniiru.

‘Mandarri Beenuunaa’qarqara Haroo Basaqaatti kan argamu yoo ta’u kutaalee ciisichaa ammayyaa, galma, mana siniimaa, bakka bashannanaa, ispaa, akkasumas oyruu kuduraa fi muduraa fi Maaddii Guutuu kan hammate ta’uun ibsameera.

Ijaarsi mandara kanaa aadaa aadaa ijaarsa manaa ijaarsa ammayyaa waliin qindaa’ee kan kan hojjetame ta’uu kaasanii, naannawaa sanaaf humna turizimii dabalataa kan uume bakka hawwata tuuriizimii jaallatamaa ta’uu akeekameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad sirna eebbichaarratti ergaa dabarsaniin, ‘Mandarri Beenuunaa’ ni danda’amaa qabatamaan kan argisiiseedha jedhan.

Naannawichi haala qilleensaa fi teessuma lafaa rakkisaa akka qabu eeruun, kana dandamachuun mandara bareedaa dhugoomsuun akka danda’ame dubbataniiru.

Qormaanni kun Itiyoophiyaa jijjiiruurraa akka hindhaabne kan itti mirkaneessineedha jechuu isaanii TOI gabaaseera.

Mandaricha keessatti misoomni burtukaana, loomii, paappaayyaa, maangoo fi hojiin horsiisa Lukkuu, Gaala, Loon fi Re’ee hojjetamaa akka jirus eeraniiru.

Ijaarsi Mandara Beenuunaas tumsa mootummaa Itiyoophiyaa, damee dhuunfaa fi mootummaa Emereetota Araba Gamtoomanii kan gaggeeffme ta’uu dubbataniiru.

Hoteelli Iskaay Laayitis mandaricha akka bulchu Dooktar Abiy eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.