Godina Buunnoo Beddelleetti Ruuziin lafa hektaara kuma 200 fi kuma 80 olirratti misoome sassaabamaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2017 (FBC) – Godina Buunnoo Beddelleetti Ruuziin lafa hektaara kuma 200 fi kuma 80 olirratti misoome sassaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa ibseera.
Aanaa Boorrachaatti Ruuziin lafa hektaara kuma 20 irratti misoome kombaayinaraan sassaabaa jira.
Qonnaan bultootnii fi dargaggootni aanichaa waldaan gurma’anii Ruuzii oomishuun fayyadamoo ta’aa jiraachuu Bulchaan Aanaa Boorrachaa Jihaad Kabbadaan eeraniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonna Godina Buunnoo Beddellee Obbo Geetaahun Guuttataan gama isaaniin godinichaatti lafa hektaara kuma 200 fi kuma 80 ol Ruuziin misoomerra callaan kuntaala miiliyoonni 11 ol kan abdatamu tahuu himuu ragaan Kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia