Fana: At a Speed of Life!

Ogummaan damee nageenyaa ogummaa kabaja addaa qabuudha- Kantibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2017 (FBC) – Ogummaan damee nageenyaa ogummaa kabaja addaa qabu ta’uu Kantibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen ibsan.

Poolisiin magaalichaa hoggantootaa fi Miseensoota bara 2016 keessa raawwii hojii gaarii galmeessaniifi ergama isaanii bahataniif beekamtii kenneera.

Saganticharratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el, Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argawu argamaniiru.

Dameen nageenyaa haala rakkisaa hunda dandamachuun as gahuu isaaf kabajatu malaaf jedhan.

Bu’aa kana caalmaatti itti fufsisuuf hojiileen hojjetaman cimanii itti fufu jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.