Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Gabaa Waldaa Hojiii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti baname

Finfinnee,  Caamsaa 8, 2012(FBC)- Giddugalli Gabaa Waldaa Hojiii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti baname.

 

Walitti hidhiinsa gabaa uumuu fi kallattiin waldaaleen Hojii Gamtaa Oromiyaa gabaa Finfinneerraa fayyadamoo gochuuf Giddugalli Gabaa Waldaa Hojiii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti baname.

 

Giddugallii magaalaa Finfinnee naannawwaa Jamoo tokooffaatti baname, kallattin waldaaleen gatii foyya’aan omisha qonnan bulaa gabaaf dhiheessuuf gahee olaana qaba jedhame.

 

Kanamalees waldaaleen omisha kallattin qonnan bulaa irraa bituun gabaaf dhiheessuun fayyadamaa biraan gahuun isaaanii qaala’aniisa gabaa Magaalaa Finfinnee tasgabbeessuufilee gahee olaana qaba jedhan Itti aanaan hogganaa Waldaa Hojiii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Orimiyaa Obbo Gammadaa Olaanaa.

 

Giddugala Gabaa kanatti yuniyanoonni Waldaa Hojiii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Oromiyaa 9 fi Federeeshiniin Waldaa Hojiii Gamtaa Oromiyaa omishaa qonnaa dhiyeessuun gabaa keessatti dorgomaa ta’uu jedhame.

 

Gidduu gabaa waldaaleen qonnan bulaa Finfinneetti banatan kanas Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee fi hoggantoota biroon daawwatameera jechuun Hirphoo Shibootu gabaase.

 


Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.