Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti Vaayrasiin Koroonaa Dabalataan Namoota 19 irratti Argame

Finfinnee, Caamsaa 8, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 19 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 4,044 qoratameera.
Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 306 qaqqabeera.

Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaan waggaa 16 hanga 55 yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira 15 fi dubartoota 4.

Namoonni 15 ammoo seenaa imala alaa qabu.

Namoonni 2 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.

Namni 2 ammoo tuttuqaas seenaa imalaas hin qabu.

Namoonni 2 jiraattoota magaalaa Finfinnee

Namoonni 2 ammoo naannoo Oromiyaa magaalaa Gincii aanaa Dandii

Namoonni 3 naannoo Tigraay iddoo tursa dirqii Humaraa

Namni 1 naannoo Amaaraa iddoo tursa dirqii Matammaa

Namoonni 11 naannoo Soomaalee tursa dirqii Jigjiigaa keessa kanneen turaniidha

Namni haaraan 1 dhibicharraa dandamateera.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dandamatan 113 qaqqabaniiru.
Namoonni 186 yaaalarratti argamu.

Waliigala namoota 53,029 qorannaan laabraatoorii taasifameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.