Ministeerri Barnootaa Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Raashiyaa waliin waliigaltee mallatteesse
Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC)- Ministeerri Barnootaa, Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Raashiyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesseera.
Waligaltichi, qajeeltoo walqixxummaa, fayyadamummaa waloo fi bu’aa qabeessummaa irratti bu’uureffateen biyyoonni lameen damee misooma barnootaa olaanoorratti waloon hojjechuuf akka ta’e eerameera.
Dabalataan hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lameen gidduu daran cimsuuf walta’iinsaan hojjechuuf haala mijataa uumuuf kan kaayyeffatedha jedhameera.
Sirna waliigaltichaarraatti Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan, Raashiyaan Itiyoophiyaa waliin hariiroo yeroo dheeraa kan qabduudha jedhan.
Yeroo ammaa barnoota qulqullina qabu kennuun lammiilee Addunyaarratti dorgomtoota ta’an horachuuf, damee misoomaa barnoota olaanoo fi waliigalaan hojiilee riifoormii hedduu gaggeessaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarrii Raashiyaa Ivgenii Tarkihiin ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia