Fana: At a Speed of Life!

Akkaawuntiiwwan sobaa seeraan ala galmee fi eeyyama daldala onlaayinii kennaa turan 339 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2017 (FBC) – Akkaawuntiiwwan sobaa seeraan ala tajaajila galmee fi eeyyama daldala onlaayinii kennaa turan 339 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Sirni daldalaa si’ataa akka hin taane kanneen gufuu ta’aa turan hojjettoota fi hoggantoota hojii seeraan alaa raawwatan 136 irrattis tarkaanfiin seeraa fudhatamuu biirichi ibseera.

Damee Daldalaa haqa qabeessa, dorgommaa fi dhaqqabamaa taasiisuuf hojmaanni ammayyaa diriirfamee hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaan Hogganaan biirichaa Obbo Fissahaa Xibabuun himaniiru.

Baatiwwan sadan darban galmee fi eeyyamni Daldalaa Onlaayiniin kennamaa turuu eeraniiru.

Adeemsicha gufachiif shira xaxamaa ture maksuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhatamuu kaasaniiru.

Akkaawuntiiwwan sobaa 339 seeraan ala tajaajila galmee fi eeyyama daldala onlaayinii kennaa turuu mirkanaa’uu himaniiru.

Akkaawuntii sobaa kanaan gibira osoo hin kaffalin eeyyamni daldalaa haaromaa, eeyyamni haaraan kennamaa, dameen daldalaa geeddaramaa fi tajaajilli jijjiirama kaappitaalaa waayita kennamu argamuu dubbataniiru.

Akkaawuntiiwwan sobaa maqaa biiricnaan banamanii Galmee fi eeyyamni Daldalaa kenname 430 hojiirra akka hin oolle haqamuu himuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.