Pireezidaantii Ameerikaa jalqaba yakka cimaan himatamanii filannoo injifatan – Doonaald Tiraamp
Finfinnee, Onkololeessa 27, 2017 (FBC) – Filannoo seena qabeessaan yeroo 2ffaaf Pireezidaantii Ameerikaa ta’eera jedhan Doonaald Tiraamp haasawa filannoo injifachuu erga mirkaneeffatanii taasiisaniin.
Bu’aa hanga ammaatti beekameen Doonaald Tiraampi teessoo Paarlaamaa biyyattii keessaa 279 injifachuun Pireezidaantii Ameerikaa 47fffaa ta’uun Masaraa Adiitti deebi’uu yoo mirkaneeffatan, morkattuun isaanii Kamaalaa Hariis teessoo 223 argachuun injifatamuu mirkanaa’eera.
“Injifannoo ajaa’ibaa’! Pireezidantii keessan 45ffa fi 47ffa gootanii na filachuu keessaniif galatoomaa!” jedhan Doonaald Tiraampi deeggartoo isaaniin.
Du’a oolee Pireezidaantii biyya guddoo Ameerikaa 47ffaa ta’uu koof baga gammaddan jedhan.
Ameerikaan ittigaafatamummaa kanaan dura argamee hin beekne nutti kennite jedhan ergaa dabarsaniin.
Maddi:-BBC, Bloomberg fi Washingitan Post
#Oromia #Ethiopia