Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa Miseensota Paartii Badhaadhinaatiif kennamuu eegale
Finfinnee, Onkololeessa 27, 2017 (FBC) – Leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu mata duree “Humna abjuu guddina amansiisaaf” jedhuun miseensota Paartii Badhaadhinaa sadarkaan jiraniif kennamuu eegaleera.
Leenjichi miseensotni Paartii Badhaadhinaa haala waliigala naannoo, biyyaa fi idil addunyaa qixaan hubatanii abjuu waloo kan ta’e badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf gahee adda durummaa akka bahatanii fi ergama itti aanuuf akka of qopheessan kan taasisudha jedhame.
Leenjichi dandeettii raawwachiisummaa miseensotaa cimsuudhaan rakkoowwan kenna tajaajilaatiin wal qabatan furuu, carraalee misoomaa jiran qixaan hubachuudhaan diinagdee biyyaatiif oolchuu akkasumas sochiiwwan nageenya mirkaneessuu fi galmoota imala Badhaadhinaa dhugoomsuuf qabaman keessatti miseensotni Paartichaa adda durummaadhaan akka hirmaatan goochuudhaan gamatti tokkummaa fi obbolummaa cimaa ta’e dagaagsuudhaan seenessa biyyaalessummaatiin ijaarsa biyya waloo dhugoomsuuf shoora guddaa kan qabuudha.
Leenjii guyyoota sadihiif turu kana irratti miseensotni Paartii Badhaadhinaa sadarkaan jiran qooda kan irratti fudhatan ta’uu ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia