Balaa ibiddaan lubbuun haadhaa fi daa’ima baatii 6 darbe
Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)-Magaalaa Shaggar Kutaa Magaala Furiitti balaa ibidda sheedii bakka hojii fi gurgurtaatti mudateen lubbuun haadhaa fi daa’ima ishee baatii 6 darbe.
Ogeessi Hariiroo Ummataa Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Ibiddaa Finfinnee Obbo Nigaatuu Maammoon akka ibsanitti, sheedi jiru keessaa suuqiin tokkichatti gurgurtaan qinxaaboo boba’aa kan itti gaggeeffamuun mudachuu balichaf sababa ta’eera jedhan.
Balichi gara birootti akka hinbabal’anneef hojjettoota balaa tasaa bobbafamuun to’achuun akka danda’ame FBC’f ibsaniiru.
Lubbuun Haadhaa fi daa’ima baatii 6 balichaan darbees sheediiwwan jiran keessaa tokkotti hojii daldalaa gaggeeffachaa utuu jirtuu ta’uun ibsameera.
Dabalataan nama tokkorraa miidhaa cimaan ga’uu fi manneen daldalaa 6 balichaan manca’uu himaniiru.
Balaan akkaanaa akka hinmudanneef qaamolee ulaagaa utuu hinguutiin boba’aa fi oomishaalee walfakkaataan biroo daldalanirratti qaamni dhimmichi ilaallatu to’annoo akka gaggeessuu gaafataniiru.
Kana malees haalli qilleensaa yeroo ammaa balaa ibiddaaf sababa ta’uu waan maluuf lammiileen eeggannoo barbaachsaa akka taasisaan Obbo Nigaatuun hubachiisaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia