Qaamni hunduu gaaffii qabu akka dhiyeessu hojjetamaa jira-Komishinicha
Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)-Qaamni hunduu gaaffii qabu akka dhiyeessu hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.
Komishinichi hojiin ajandaa walitti qabuu Naannoo Kibbaa Lixa Itiyoophiyaatti gaggeessa ture xumurameera.
Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Zagayee Asfaawu akka jedhanitti adeemsi marichaa hundaa hirmaachisaa akka ta’uuf qaamni hunduu gaaffii qaba jedhu akka dhiyeessu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan humnoonni hidhannoon qabsaa’aa jiranillee adeemsa marichaa keessaatti akka hirmaataniif tattaaffiin taasifamuu himaniiru.
Yismaawu Adaraawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia