Kuufamni sharafa alaa baankichaa dachaan dabaluun ibsame
Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Riifoormiin biyyaalessaa erga eegalamee as kuufamni eeggachiisaa sharafa alaa Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dachaan dabaluu Bulchaan Baankichaa Maammoo Mihiratuun dubbatan.
Galmi Baankichaa qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf ta’uu eeruun, wixineen labsii haaraa fi labsiiwwan aangoo fi qoodama hojii Baankii Biyyaalessa murteesuuf ba’an galmicha milkeessu kan fooyyeffaman ta’uu kaasaniiru.
Riifoormiin biyyaalessaa erga eegalee kuufamni eeggachiisaa sharafa alaa baankichaa dachaan guddachuus beeksisaniiru.
Mootummaan tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jiruun baatiiwwan itti aanan qaala’iinsi gatii jiru akka hir’atu amantaa qaban ibsaniiru.
Sochii daldalaa mootummaan bane qaala’iinsa gatii hir’isuuf gumaacha taasisuutti dabalataan fooyyessa sharafa alaa saffisiisuuf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.
Fooyyessiin Itiyoophiyaan eegalte fuulduratti biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya akka ta’uu eeraniiru.
Fooyyessii diinagdee man-dhaleen erga hojiirra oolee baatiiwwan laman darban gabaa alaaf kan dhiyaatan daldalli Buna, Warqee fi midhaanota zayiitaa dachaan dabaluu kaasanii, oomishaaleen biyya keessa galfaman ammoo hir’ichuu akeekaniiru.
Mootummaan qaala’iinsa gatii ittisuuf boba’aa, xaa’oo, qorichaalee fi zayiita nyaataa irratti deeggarsa taasisuu itti fufuu mirkaneessaniiru.
Labsiin Aangoo Baankii Biyyaalessaa murteessuu, baatiiwwan lamaan booda ni raggaasifamaan eegama kan jedhan Maammoo Mihiratuun, kunis dorgomtummaa baankichaa dachaan akka guddisu himaniiru.
Fuulduratti teeknooloojii dijitaalawaan tumsamuun tajaajila liqaa, invastimantii dijitaalawaa fi inshuraansii qaqqabamaa taasisuuf kan hojjetamu ta’uu akeekaniiru.
#Oromia #Ethiopia