Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti rakkoon nageeyaa karaa nagaan akka furamu qindoominaan hojjechuu barbaachisa jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Naannoo Amaaraatti rakkoon nageeyaa karaa nagaan akka furamu qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhame.

Naannicha magaalota garaagaraatti waltajjiin marii nageenyaa mata duree “Hunduu Nageenyaaf, Nageenyi hundaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Haaluma kanaan Magaalaa Dasseetti waltajjiin marii nageenyaa hojjettoota mootummaa hirmaachisee gaggeeffameera.

Nageenya mirkaneessuuf mari’achuun akka barbaachisuu fi rakkoo nageenyaa naannichatti mudate nagaan akka furamuuf lammiileen hunduu akka tumsan gaafatameera.

Bifuma walfakkaatuun waltajiin marii nageenyaa Magaala Baahirdaarittis gaggeeffameera.

Nageenya mirkaneessuuf hojjettoonni mootummaa gumaachaa akka taasisan, nageenyi haalduree hojiiwan hundaa ta’uu fi tattaaffi mootummaan nageenyaa waaraa mirkaneessuuf taasisaa jiru ummanni akka tumsu akeekameera.

Dassaalanyi Biraarraa fi Illeenii Tasammaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.