Koonfiraansiin ‘Addunyaa Beelarraa Bilisaa’ Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 26, 2017 (FBC)- Koonfiraansiin ‘Addunyaa Beelarraa Bilisaa’ Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Koonfiraansicharratti Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Dura Taa’a Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat, Daayrektara Jeneraalaa Dhaabbata Misooma Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii (UNIDO) Gardi Mular argamaniiru.
Dabalataan hirmaattoonni biyyootaa fi dhaabbilee Idil Addunyaa 30 irraa babba’an kumni 1 fi 500 ta’an hirmaachaa jiraachuun ibsameera.
Gardi Mular haasawaa taasisaniin, Koonfiraansicha qopheessuuf qaamolee tumsa taasisan galateeffataniiru.
Afrikaa qabeenya umamaa olaanaa qabdu sirnaan fayyadamuun akka barbaachisu ibsanii, wabii nyaataa mirkaneessuu fi addunyaa beelarraa bilisaa uumuuf qaamoleen hunduu qindoominaan hojjechuu akka qaban akeekaniiru.
Haaluma kanaan damee qonaan guddisuuf teeknooloojii fi galteewwan ammayyaa’oo biroo fayyadamuun akka barbaachisu dubbatan.
Koonfiraansichi tattaaffii addunyaa beelarraa bilisaa taasisuuf bu’alee argamaniifi qormaatlee mudatan irratti mari’achuun kallattii furmaataa ni kaa’aan eegama.
Malaakuu Gaddiftu gabaase
#Oromia #Ethiopia