Guddina itti fufiinsa qabu, jiruufi jireenya ummataa fooyya’e, lafaafi nama magaalome umuuf, duursa haala dandeessisoo uumuu qabna – Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Onkololeessa 25, 2017 (FBC) – Guddina itti fufiinsa qabu, jiruufi jireenya ummataa fooyya’e, lafaafi nama magaalome umuuf, duursa haala dandeessisoo uumuu qabna jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Duursoo — Haala Dandeessisoo Magaalomsuu Oromiyaa Umuu
1. Dura Dubbii
Magaalaan giddugala teknoolojii, dinagdee, aadaafi bu’uuraalee misoomaa, jiraattotaaf filannoo jireenya mijataa guutun harkisni siyaasaa cimaa itti umamudha. Haata’u malee, qubsumni sirnaakkoo dilbiin kun biyya keenyatti ulaagaa kan hin guunnefi, keessattuu Oromiyaatti fayyadamummaa ummata keenyaa kan mormeefi moggeessee ta’uu, yeroo darbe “Sakatta’iinsa Adeemsa Magaalomsuu: Barbaachisuummaa Hammatoo Haaraa Oromiyaa” ijoo jedhuun ilaallee turre. Qormaatiileefi rakkoowwaan magaalota keenyaa kana cabsinee, jiraattotaaf haala mijataa, biyyaaf humna dinagdee umuuf, haala dandeessisoo magaalomsuu Oromiyaa umuun dirqama keenya.
Adeemsi magaalomsuu naannoo keenyaa baay’ina ummataafi qubsuma laafaatin qofa dabalaa jira. Kanarraa kan ka’e magaalonni keenya motora misooma dinagdee ta’uu hindandeenye. Adeemsa magaalomsuu kana milkeessu hordofuuf, hunda dura tarkaanfii haala dandeessisoo umu fudhachuun dirqama.
Haali dandeessisoo magaalomsuu, gama tokkoon haala hoggansaa, seeraa, dhaabbileefi bulchiinsaa, gama birootin haala omisha beekumsaa, qindoominaa, faayinaansiifi hirmaannaa qooda fudhattootaa namaafi lafa hammate kan ilaallatudha. Qoddattoonni kunneen gama isaanitiin hoggansa tarsiima’aa, imaammata magaalaa, hammatoowwan, akkasumas dhaabbilee muuxannoowwan gaggaarii idil-addunyaa waliin walsimanifi sirna bulchiinsa magaalaa sirrii qopheessuu gaafata.
2. Gaggeessummaa Magaalaa
Haala amma irra jirruufi lafa gahuu qabnuun yoomadaalle, hanga ammaatti gaggeessaa magaalaa hinqabnu; gaggeessummaa magaalaas hinbeeknu. Gama birootin, lafa magaalaafi nama magaalaa, walumaagalatti magaalaa hinqabnu jechuun nidanda’ama. Haata’u malee, gaggeessaa magaalaafi magaalaa hinqabnu jechuun, horachuuf carraa hinqabnu jechuu akka hintaane hubatamuu qaba.
Haala gadi aanaa gama magaalomsuutin keessa jirruun, kantibaa qofaan magaalaa gaggeessinee eessayyuu hingeenyu. Ummanni keenya %22 magaala jiraatufi magaalonni 700 ol qabna jennu hundi moggasa jiraatota magaalaafi magaalota jedhu malee, ulaagaa magaalummaa irraa leexoo jiru. Hoggansi sadarkaan jiru, imaammataafi bulchiinsa magaalaa sirrii beekaafi jajjabeessaa hanga hinjiretti, akkamiin dhugaa hadhaawaa kana jijjiiruun magaalaa sadarkaa isaa eege umuu dandeenya?
Akka hoggansaatti ittigaafatamummaan keenya, lafaafi nama magaalome gaggeessuu osoo hintaane, lachanuu ariitin adeemsa magaalomsuu keessa galchuufi carraa inni fiduun magaalaa mijataa umuu danda’uudha. Ummata keenya %78 baadiyyaa jiraatu keessaa waggoota 25-30 dhufanitti%28 magaalomsuuf karoora qabannee jirra. Kantibaa qofa osoo hintaane, bulchaan godinaas bulchaan aanaas gaggeessummaa magaalaa beekuu qaba kan jennu kanaafi. Akkasumas yeroo gahee gaggeessummaa, gahee kantibummaa caalu bahuun itti barbaachisuudha.
Bu’uuruma kanaan, yerichi, hoggansa magaalaafi baadiyyaa osoo hinjedhin, rakkooleefi qormaatiilee jiran gara carraatti jijjiiruun, haala dandeessisoo egeree magaalota keenyaa bareechan, akkasumas walitti dhufeenya diinummaa magaalotaafi ummata keenya gidduu ture cabsuuf nudandeessisu itti umnu ta’uu hubachiisun barbaada.
3. Amaloota Gaggeessummaa Magaalaa
Haalli dandeessisoo gaggeessummaa magaalaa sirrii barbaada. Amaloonni gaggeessummaa magaalaa, muldhata tarsiima’aa, haala qabatamaa addunyaafi naannoo qixa sirriin hubachuufi adeemsa magaalomsuu ammayyaatif dhimma itti bahuun ibsama. Hoggansa tarsiima’aa kennuudhaa hanga gochoota raawwii (operational activities) keessatti hirmaachun ibsama. Sochii raawwii, bu’aafi milkaa’ina (performance, delivery and success) walqixa adeemsisuu gaafata. Dabalataanis, kaayyoo tokkoof gareen hojjachuu danda’uufi waltina jajjabeessuu gaafata. Waltina jajjabeessuu yemmuu jennu, amala albaadhummaaf karra walii banuu osoo hintaane, kaayyoo ummataaf dhimma walitti bahuudha. Milkaa’ina isaatifis to’annoo (monitoring)’fi madaallii sirrii gaggeessun sadarkaa dirqamni hojii irra jiru hubachuufi ittigaafatamummaa mirkaneessuu qabna.
Gaggeessaan magaalaa ilaalcha egeree kan qabu, akkasumas hawaasa araddaatii hanga invastaroota idil-addunyaatti “partnerships” kan jajjabeessu. Dallaa jiran jigsuun, sektaroota mootummaa, qaamolee dhuunfaafi hawaasa siivilii keessafi gidduutti, tumsa kan umuufi qindoominaan akka hojjatan sirna mijataa kan diriirsu.
Rakkoolee adeemsa magaalomsuu qunnaman furuun, amala gaggeessummaa kalaqaawaafi “e-governance”tti dhimma bahu, akkasumas dhaabbilee mootummaa, dhuunfaa, daldalaafi kkf keessafi gidduutti hidhamiinsa (integration) teknoolojii umuu gaafatudha.
Gaggeessummaan magaalaa, adda durummaan, Qondaaltota Olaanoo Teknoolojiifi Qondaaltota Olaanoo Kalaqaa, cehumsa dijitaala magaalotaa, fkn hubannoo namtolchee (AI), hidhata toora irraa (Internet of Things –IoT)’fi kuusa baldhaa odeeffannoo (big data) fayyadamuun qajeelchuu gaafata. Kanarraa kan ka’e, bara kana, gaggeessummaan magaalaa, muldhata qofa osoo hintaane ogummaa teeknikaa qabaachuu gaafata. Carraa kanaan, har’a addunyaan, “e-governance” waliingahee, “digital governance” xumuree, gara mootummaa “High-Tech”tti kan ce’aa jiru ta’uu yaadachiisun barbaada. Bu’uuruma kanaan, qoddattoota haala dandeessisoo gaggeessummaan magaalaa irratti xiyyeeffachuu qabu akka ittaanutti kan ilaallu ta’a.
4. Qooddatoota Haala Dandeessisoo Magaalomsuu
4.1. Omisha Beekumsa Magaalomsuu
Omishti beekumsaa, murtee sakatta’iinsa haalota kallattii hundaan jiran irratti hundaa’e kennuuf daran murteessadha. Adeemsa kufaatii magaalomsuu numuudate keessaa bahuuf, giddugalawwan “data” magaalaa funaanan, haalan kuusan, xiinxalanifi tamsaasan hundeessuu, akkasumas kanneen jiran waliin tumsaan hojjechuun barbaachisaadha. Amaloota aggeessummaa magaalaa yeroo ammaa barbaannu horachuufis, hoggansi sadarkaan jiru, hordofuu, mari’achuu, dubbisuu, qorachuufi xiinxaluu amaleeffachuu qaba.
4.2. Hammatoo Seeraa Ammayyaa Magaalomsuu
Adeemsa magaalomsuu karaa qajeelchuuf hammatoo seeraa yabbuun murteessadha. Hunda dura garuu, hoggansi sadarkaan jiru mataa isaatin, seerota hojiirra jiranifi qajeelfamoota diriirfaman kabajuu qaba. Ittaansun, seeronni itti fayyadama lafaa, mirga abbaa qabiyyummaafi misooma magaalaa qajeelchaa jiran, fedhii ammayyaa magaalaa waliin deemufi dhiisuu isaanii adda baafachuun dirqama. Haata’u malee, hoggansa keenya, seerotaafi hijimaatilee haaraa hojiirra oolchuu mitii, kanneen hangaa ammaa jiran qofaaf amanamu osoo danda’ee, magaalomsuu irratti raajii hojjechuu akka dandeenyu hubachuu qabna.
Al-seerummaa hanga ammaa tureefi fedhiin fafa kana ittifufsiisuu edu hanga jirutti, rakkoo magaalaafi magaalomsuu kamiiyyuu hinhiiknuu; bara baraaf magaalaa mijataa ijaaruu hindandeenyu.
Hammatoo seeraa tarkaanfataan, adeemsa seeraa walxaxoo kan salphisuufi birokiraasii dhedheeraa gabaabsun sakaallaa misooma magaalaa kan muru. Caasaa seeraa dhaweessummaa (entrepreneurship)fi invastimantii jajjabeessu, akkasumas sektaroota dhuunfaa adeemsa cehumsa magaalaa keessatti qooda akka qabaatan hawwatu kan diriirsu.
4.3. Gurmaa’insa Dhaabbilee (Institutional Arrangements)
Gaggeessummaan magaalaa horatameefi hoggansi magaala argame, akkasumas seerrifi hojmaanni diriire gurmaa’insaan lafa qabachuu qaba. Gurmaa’insi dhaabbileefi caasaa mootummaa qabnu, walxaxiinsa magaalotaa dabalaa dhufe waliin ammayyaawaa deemuu qaba. Kun, qindoomina qaamolee mana qopheessaa gidduu jiru fooyyeessuu, manaajaroota magaalaa ogummaa bulchiinsa bu’a qabeessa ta’e hidhachiisufi dandeettii dhaabbilee ijaaruu kan gaafatu ta’uun hubatamuu qaba.
Gama birootin, gurmaa’insa ganda baadiyyaafi magaalaa irraa kaasee hanga naannootti jiru sakattaanee, tarsiimodhaan hogganuun adeemsa magaalomsuu keenya ittiin sirreesuufi ariifachiisuuf gargaaramuu qabna. Keessattuu Giddugala Guddina Baadiyyaa (GGB) Haaromee kuma torbaa ol qabnu keessatti ijaarru akka carraa guddaatti fayyadamuun dhimma murteessaa ta’uu hubannee haasochoonu.
4.4. Qindoominaafi Hirmaachisummaa
Milkaa’inni adeemsa Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa qindoomina sektaroota garaagaraa, fkn, seektara mootummaa, damee dhuunfaa, misoomaa, ummaataa, dhaabbilee barnootaa, dhaabbilee qorannoofi qo’annoo keessafi gidduu jiruun kan murtaa’udha. Bu’uura kanaan, gaggeessitoonni qindoomina irratti milkaa’an fedhiilee garaagaraa biratti amanamummaa waan argataniif, bu’a qabeesummaa pirojektoota magaalaa dhugoomsuu danda’u.
4.5. Faayinaansii Misoomaa
Gaaffiin hoggansa keenyaa “dinagdee hinqabu taanan, magaalli maali?” kan jedhu ta’uu qaba. Magaalan tokko baasii ofii hinmaddisiisne baasuu hinqabu; kanaafuu, baasii barbaadamu madda galii umachuun dhugoomsuu qaba. Hoggansi magaalaa, madda galii baramaa irratti hirkachuun sirrii akka hintaane hubaachuu qofa osoo hintaane, madda faayinaansii tarsiima’aafi kalaqaawaa haaraa umuun dirqama isaa ta’uu hubachuutu irraa eegama. Adeemsa magaalomsuu qabeenyi qixa sirriin itti umamu, ittifufiinsi misoomaafi cehumsi hawaasummaa itti mirkanaa’e dhugoomsuf faayinaansin dirqama. Akkuma beekamu, adeemsi magaalomsuu keenya karaa sadi faayinaansi ta’a: bajata mootummaa, humna waloofi badhaadhina maatii.
4.5.1. Bajata Mootummaa
Haala baramaa hangansa keenyatiin, galii magaalaa guddisuu jechuun, galii idilee dabaluu irratti qofa kan xiyyeeffatu. Haata’u malee, adeemsa magaalomsuu tokko milkaa’aa, kantibaa tokko gaggeessaa magaalomsuu sirrii kan taasisu, hundaa’ol, filannoo galii mana qopheessaa baldhisuu danda’uudha. Inni kun gama tokkoon tajaajilootuma asiin dura turan, kalaqaan masakamuun qaqqabamaa, si’oomafi ariifataa taasisuudha. Asirratti wanti hubatamuu qabu, abbootii qabeenyaafi qaamolee dhuunfaaf tajaajila dhaqqabamaa, si’oomafi ariifataa dhiyeessinee akka ariitiin socho’anii hojjatan yoo hintaasisne, galii mana qopheessaa mitii, kan idileetuu bu’a qabeessa ta’anii mootummaaf galchuu hindanda’an.
Akaakuu tajaajiloota haaraa, tajaajilamtoota hawwatan dhiyeessun madda galii dabaluu gaafata. Akkasumas, to’annoo darbii (breach) dambiileefi seerotaa addabbii maallaqaa (fine) hordofsiisan (fkn, dambii tiraafikaa, kuusa balfaafi qulqullina naannawaa) si’oomsun madda galii dabaluun barbaachisaadha.
Dabalataanis, filannoo akka walta’iinsa mootummaafi dhuunfaa (PPP), sharikummaa, (Joint Ventures), “Business Portifolio”, gurgurtaa boondii bulchiinsa magaalaafi deeggarsa idil-addunyaa jabeessuun magaalomsuuf haala mijataa umuun dhimma murteessadha.
4.5.2. Humna Waloo
Humna waloo fayyadamuu irratti muuxannoo horachaa jirra. Imaammata, tarsiimoo, pirojektootafi gurmaa’insa aadaafi duudhaa ummataatin masakaman hojjiirra oolchuun, caalmaatti duguuganee fayyadamuu qofa osoo hintaane hirmaachisummaa baldhaafi hammatummaa magaalomsuu mirkaneessuuf kan nudandeessisuudha.
4.5.3. Badhaadhina Maatii
Humna badhaadhina maatii fayyadamuun, haala dandeessisoo omisha, oomishtummaa, galiifi qusannaa sadarkaa maatii dabaluu dandeessisu umuu, akkasumas deebisee invastimantiif akka olchu jajabeessu umuudha. Humni misoomaa magaalota keenyaa, invastaroora gara biraa irraa dhufan osoo hintaane, humna maatii gara abbaa qabeenyummaatti ceesisuu dandeenyudha.
5. Guduunfaa
Haala baramaa keessa dhufneen, magaalomsuu irratti tarkaanfii tokko fuulduratti hiiquun dhimma hinyaalamne. Guddina itti fufiinsa qabu, jiruufi jireenya ummataa fooyya’e, lafaafi nama magaalome umuuf, duursa haala dandeessisoo umuu qabna. Haala dandeessisoo umuuf ammoo hunda dura, hoggansa magaalaa amaloota gaggeessummaa magaalaa horateefi muldhata cehumsa hawwaasaa qabu horachuu qabna.
Magaalomsi keenya hoggansa gaggeessummaa magaalaa ammayyaa sadarkaa ol’aanaatti hubate barbaada. Gama kanaan milkoofnan, hoggansa Haala Dandeessisoo Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa umu horanne jechuudha. Hoggansa Magaalomsuu Haaraa Oromiyaatiif haala dandeessisoo umun, imala magaalota keenya gara motora guddina diinagdeefi kalaqaatti jijjiiruuf qabame akka jalqabnuufi beenyaa qabsoo ummata keenyaaf malu akka kaffallu nudandeessisan arganne jechuudha.
Bu’uuruma kanaan, lafa haalli dandeessisoo umametti, lafaafi nama magaalomsuu irratti maal hojjachuu akka qabnu yeroo ittaanutti kan ilaallu ta’a.