Jarman tattaaffii Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf taasistu akka deeggartu ibsite
Finfinnee, Onkololeessa 25, 2017 (FBC)- Mootummaan Jarman tattaaffii Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf taasistu akka deeggartu ibsite.
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Jila Ministira Qonnaa fi Nyaataa Jarman Cheem Azdamiiriin durfamu waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanis dhimmoota damee qonnaan waliin hojjechuun danda’amuu fi Labsii Eegumsa Bosonaa Gamtaa Awurooppaa irratti kan xiyyeeffate ta’uun himameera.
Dooktar Girmaan maricharratti Itiyoophiyaa fi Jarman biyyoota hariiroo yeroo dheeraa qaban ta’uu kaasanii, damee qonnaan Itiyoophiyaaf deeggarsa taasisaa turuu yaadachiisaniiru.
Gareen Gamtaa Awurooppaas qajeelfama baase hordofee Dhaabbata Misoomaa Jarman JIZ waliin ta’uun gara raawwiitti galamuun ibsameera.
Damee bunaan qonnaan bultoonni miiliyoona 5 bobba’anii akka jiran ibsuun, hojiin ragaa walitti qabuu yeroo kan gaafatu ta’uurraan, walta’iinsaa fi walhubannaa gamtichaaf galateeffataniiru.
Itiyoophiyaan waggootaan muraasaan dura sagantaa Ashaaraa Magariisaa eegaltee mancaatii bosonaa turee hir’isuu eeraniiru.
Cheem Azdamiir gama isaanin, mariin isaanii damicha haala tumsuun danda’amurrattii fi seeraa haaraa gamtichaarratti bal’inaan mari’achuu ibsaniiru.
Seerichi ba’uu hordofees Itiyoophiyaan tattaaffii eegalte dinqisiifataniiru.
Biyyi isaanii Jarmanis wabii nyaataa lammiilee Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojiilee hojjechaa jirtu akka tumsitu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia