Naannoo Amaaraa Magaalota garaagaraatti koonfiraansiin nageenyaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Onkololeessa 25, 2017 (FBC)- Naannoo Amaaraa Magaalota garaagaraatti koonfiraansiin nageenya mata duree “Nageenyi hundaaf; hundi nageenyaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Magaalaa Dabarqitti haala nageenyaa yeroo ilaalchisuun dargaggoota magaalattii waliin mariin gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.
Waltajjicharratti, Raayyaa Ittisa Biyyaa, gondaaltota bulchiinsa godinaalee fi magaalichaa argamaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Koonfiransii Nageenyaa Magaalaa Ayikalitti gaggeeffamaa jiruun abbootii amantaalee, jaarsolii biyyaa, dargagaggoota, dubartootaa, hojjettoota mootummaa, hayyoota fi kutaaleen hawaasaa biroon hirmaachaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia