Fana: At a Speed of Life!

Kitaabni Haaromsaafii Muummicha jedhu jaal Ibsaa Nagawoon barreeffame eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2017 (FBC) – Kitaabni Haaromsaafii Muummicha jedhu qabsa’aa gameessa Jaal Ibsaa Nagawoon barreeffame eebbifame.

Kitaabichi waa’ee mirga ummata Oromoo fi sabaaf sablammoota biyyattii, akkasumas federaalizmii Dhugaa tokkummaa Oromoo, falaasama yaadaa qabsoo duriifi haaraa kan of keessatti hammate ta’uu ibsameera.

Kitaabichi bakka Pireezidaantiin duraanii Naannoo Oromiyaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa, Ministira Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee dabalatee Ministiroonni, hoggantoonni Mootummaa Federaalaa fi naannolee, hayyoonni, kutaaleen hawaasaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamanitti Finfinnee Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaatti eebbifameera.

Minaalee Gabayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.