Fana: At a Speed of Life!

Roobni waqtii malee roobaa jiru oomisha akka hin miine hawaasni oomisha yeroon akka sassaabu waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2017 (FBC) – Roobni waqtii hin eegne kutaalee biyyattii garaagaraatti roobaa jiraachuu hordofee hawaasni oomishni osoo hin miidhamin akka sassaabu waamichi dhiyaateera.

Roobni waqtii malee roobaa jiru kun oomisha akka hin miine hawaasni duulaan oomisha akka sassaabaan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun waamicha dhiyeessaniiru.

Roobni kun naannawaa oomishni sassaabbamaa jirutti miidhaa qaqqabsiisuu akka danda’u Dooktar Laggasaan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Jiraattoonni filannoowwan jiru hunda fayyadamuun oomisha mancaatirraa akka oolchaan gaafataniiru.

Duula sassaabii oomishaa labsuun yeroon sassaabuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Hoggansi sadarkaan jiru, ogeeyyiin, hojjettoonni, qaamoleen nageenyaa, barattoonni fi qonnaan bultoonni hirmaannaa qindaa’aan oomisha sassaabuu qabu jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.