Dooktar Kaasahuun Gofeen Giddugala Gabaa Oomisha Qonnaa Lammii Kuraa daawwatan
Finfinnee,Onkololeessa 23, 2017(FBC)- Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Gofeen Giddugala Gabaa Oomisha Qonnaa ammaayyaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa daawwatan.
Daawwannicharratti hoggantoonni manneen hojii waamamtoota ministeerichaa, biiroolee naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hirmaataniiru.
Giddugalichi oomishaalee qonnaa qulqullina qaban gatii madaalawan shamattootaaf dhiyeessuuf bu’uuraalee misoomaa gabaa kan guuttate ta’uu Dooktar Kaasahuun dubbataniiru.
Muuxannoo kanas naannolee birootti babal’isuun akka barbaachisus dubbachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Giddugalichi lafa hektaraa 3 irratti kan ijaarame yoo ta’u, kuduraaf muduraa, oomishaalee qonnaa fi bu’aalee indaastirii jimlaa fi qinxaboon kan dhiyeessu t’uun ibsameera.
#Oromiyaa #Ethiopia