Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyon Ximootiwoos Itti Aantuu Ministira Muummee Islooveeniyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC)-Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiootiwoos Itti Aantuu Ministira Muummee fi Ministira Dhimmoota Awurooppaa Islooveeniyaa Taaniyaa Fajoon waliin mari’atan.

Maricharratti Dooktar Geediyoon Islooveeniyaan Miseensaa Gamtaa Awurooppaa fi Miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jijjiiramaa ta’uun, Itiyoophiyaan hariiroo gamtichaa fi Dhaabbaticha waliin qabdu daran cimsuuf carraa gaarii kan uumuu ta’uu kaasaniiru.

Fooyyessiin diinagdee hunda galeessaa Itiyoophiyaan hojirra oolchaa jirtu haalaa invastimantii mijataa kan uumee ta’uun dhaabbileen Islooveeniyaa Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantiirraatti akka bobba’an gaafataniiru.

Biyyatti waliin Itiyoophiyaan Ce’umsa teeknooloojiin keessumaa damee qonnaa fi barnootaa olaanoon walta’iinsa qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawichaaf gahee olaanaa akka qabdu ibsanii, murteen bobbii humna nagaa kabachiisaa Afrikaa eeggannoo cimaa akka barbaadu dubbataniiru.

Naannawichatti Alshabaabirratti gama qabsaa’uun gaheen Itiyoophiyaa olaanaa akka ture yaadachiisanii, injifannoowwan galmaa’aan akka duubatti hindeebineef hawaasa addunyaa waliin walta’iinsaan hojjechuu akka itti fuftu mirkaneessaniiru.

Taaniyaa Fajoon gama isaaniin biyyi isaanii Itiyoophiyaa waliin dameewwan gamlamee fi damee hedduun waloon hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa ce’umsa teeknooloojiin, fayyadama bishaanii, qonnaan akksumaas hubannoo namtolcheen muuxannoo qabduu Itiyoophiyaaf qooduuf qophii ta’uu himaniiru.

Dabalataan ministiroonni lameen Embaasii Islooveeniyaa Finfinneetti baname eebbisiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.