Fana: At a Speed of Life!

Hariiroowwan dippiloomaasii Itiyoophiyaa cimsuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC)- Hariiroowwan dippiloomaasii gamlamee fi damee hedduu Itiyoophiyaa daran cimsuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos hubachiisan.

Dooktar Geediyoon Ximootiwoos Itti Gaafatamtoota Waajjira Qonsilaa Jeneraalaa fi Embaasiiwwan Itiyoophiyaa biyyoota garaagaraatti argaman waliin marsariitiin mari’ataniiru.

Marichaarratti hariiroowwan dippiloomaasummaa gamlamee fi damee hedduu Itiyoophiyaa daran cimsuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Ambaasaaddaroonnii fi dippiloomaatonni haala siyaasa quubsumaa yeroo addunyaa tilmaama keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechuun akka barbaachisu akeekaniiru.

Yeroo kamuu caalaa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf tattaaffii olaanaan akka socho’an ambaasaaddaroonnii fi dippiloomaatonni mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.