Fana: At a Speed of Life!

Barana Galiin Birrii tiriiliyoona 1.5 ni eegama-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC)-Galii mootummaa federaalaa fi naannolee walitti qabaniin barana galiin Birrii tiriliyoona 1.5 kan eegamuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad Gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaataniif deebii fi ibsaa kennaniiru.

Riifoormii diinagdee gooroo ilaalchisuun ibsa kennaniin duraan dhiibbaawwan diingadee biyyattiirratti uumamaa turan furuuf akka barbaachise kaasanii, kunis bu’uura ce’umsaa Itiyoophiyaa ta’ee kan tajaajiluudha jedhaniiru.

Baatiiwwan sadan darbanitti galiin Birrii biiliyoona 180 argamu himanii, kunis akkaataa riiformii fi karoora qabameen kan argame ta’uu himan.

Mootummaan federaalaa fi naannolee waliigalaan galii walitti qaban yoo milkaa’e barana galii Birrii tiriiliyoona 1.5 walitti qabaman kan eegamuudha jedhaniiru.

Riifoormii diinagdee gooroo gaggeeffameen boodaa baatiiwwan sadan darbanitti kuufamnii baanki biyyaalessaa, baankota dhuunfaa dabaluu fi galiin sharafa alaa %24 guddachuu dubbataniiru.

Daldalaa alaarraas galiin Doolaara 1.5 argamuu ibsaniiru.

Dabalataan invastimantiin alaa %6.4 guddachuu kaasanii, hojiileen invastimantii hawwachuu bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Sirni Faayinaansii jijjiirramuu hordofee Invastimantiin kallattii caalmaatti ni guddataan eegama.

Warshaaleen Gurguddoon dameewwan adda addaarratti bobba’an 72 hojii eegalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.